Ayyaanni Irreecha 2022 Oromiyaatti Bifa Ho’aa Ta’een Kabajame.

Ayyaanni Irreecha Birraa 2022 , Oct.1 fi Oct. 2 Walduraa duubaan Handhuura Oromiyaa Magaalaa Finfinnee Hora Finfinneefi Magaalaa Bishooftuu Horaa Harsadee irraatti bifa ho’aa ta’een kabajame.
Irreechi Ayyaana galateeffaannaa OROMOO ti. IRREECHI AADAA, Duudhaa, Safuu,Amantaafi Eenyuummaan Uummata Oromoo kan ittin Ibsamudha. AADAAn Calaqee eenyummaa Saba tokkoo kan waan hundumaa of keessaatti hammaatudha. Ayyaanni kun Ayyaanaa Bilisummaa ti, sababaan isaa Oromoon cufti haalaa fedhee kamiin utuu hin dangeffaamiin bilisaan walitti bahee jaalala, gammaachuu, tokkuummaa, eenyummaa, aadaa safuufi duudhaa isaa waalitti dhufee argisiise waliin boonee gammaada. Yeroo hedduu warri waan Oromoo arguufi dhaga’uu hin feenee , arganis yaaddoon isaan rakkisuu bara baraan saba Oromoo adeemsa irreecha irraatti daqaa turan, har’as hinuma jiru. Garuu dhugaan hin haalamne Oromoon Ayyaana Irreecha dhiigaafi Lafee isaa irratti dhangalaasee wareegama qaalii itti baase asiin gahe. Sichillee boodatti deebisuun akka hin yaadamne diinoonni Oromoofi Oromummaa beekuu qabu. Ammas Oromoon waan isaa tikfachuufi akka ofii barbaaduutti bakka barbaaduutti gaggeeffaachuuf mirga guutuu itti qaba, mirga bortaan sarbamees bortaan deeffachuuf humna qaba.
Irraa deebi’ee sabakoo Oromoon hundaan baga geessaan jechaa, IRREECHI kan milkii, jaalaalaafi Bilisummaa, kan tokkummaafi nagaafi guddinaa akka saba keenyaaf ta’un dhaammaadha.

Dhaamsa Haala Yeroo Share waliif godhaa, Bakka jirruutti Miiraa Oromummaa, Sabboonummaafi Tokkummaa Jabeessuun kaayyoofi akeeka waloof waliin haa sochoonu!!

Dhaamsa Haala Yeroo #Share waliif godhaa, Bakka jirruutti Miiraa Oromummaa, Sabboonummaafi Tokkummaa Jabeessuun kaayyoofi akeeka waloof waliin haa sochoonu!!

  1. Afaan Oromoo Afaan Biyyoolessaa fi Afaan Hojii Mootummaa Federaalawaa Akka Ta’uu Atattamaan Raggasiisuuf Sochiin Warraaqsa Biyyoolessa Oromiyaa FXG bifa Haarawaa ta’een itti fufu qaba!!. Uummaatni Oromoofi Lammiin Oromoo cufti bakka jirtan cufatti qophii dursaa Sochii kanaaf barbaachisu gochuun dirqama haalli yeroo gaafatudha!!.
  2. Gaaffiin Mirga Abbaa Biyyummaa Uummatni Oromoo Finfinnee irratti bara dheeraa gaafachaa Wareegama dachaa irratti kanfalaa as gahee hanga har’aa deebii waakkatamee waan jiruf Deebiin atattamaa nuuf haa kennamu. .
  3. Mirgi Bilisummaa, Mirgi yaada ofii bilisaan Ibsachuu, Mirgi ilaalcha fedhan deeggaruu, fi Mirgi namoommaa Uummata keenyaaf haa kabajamu!!
    Tokko tokkoon Lakkoofnee harka micciirru malee , Obsinaan waan hayyama garbummaafi sirna garboomsaaf kennine itti fakkaate!!

Oromiyaan Biyya Of Dandeessu Ta’uun Ishee Waan Hin Oolleedha!! Maxxansa Haala Yeroo By Amboo Press!.

Ethiopia’f dhiiga boowuu dhiifne Oromiyaan biyya of dandeessu ta’uu akka dandeessuufi ta’uun ishees kan hin ollee ta’uu amanuu qabna.  Wanti guddaan itti yaadamuu qabu qixa sirriifi sirnaan wal bulchuuf itti qophaa’uufi Sirna hundaaf ta’u qopheeffachuudha!!.

Maxxansa Haala Yeroo by “Amboo Press “

Ilmaan Oromoo Biyya Keessaafi Biyya alaa maxxansa Haala Yeroo “Amboo Press ” qabatee dhufaa waan jiruuf bakka jirtan cufatti akka hurdoftaniifi waliif share gochuun akka wal qaqqabsiiftan dhaamna!!

Ilmaan Oromoo Biyya Keessaafi Biyya alaa maxxansa Haala Yeroo “Amboo Press ” qabatee dhufaa waan jiruuf bakka jirtan cufatti akka hurdoftaniifi waliif share gochuun akka wal qaqqabsiiftan dhaamna!!

Design a site like this with WordPress.com
Get started